Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 fi miiliyoona 14 ol dhaabuun fakkeenya taateetti- Pireezdaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Itiyoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 fi miiliyoona 14 fi kuma 700 dhaabuun fakkeenya taateetti jedhan.

Pireezidaanti Taayyeen duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sadarkaa biyyaalessaatti har’a gaggeeffame ilaalchisee miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniinis sagantaan ashaaraa magariisaa madaala uumamaa eegsisuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsan.

Ashaaraan magariisaa hojii kabajamaa uumama eeguun dhalootaaf dabarsuu ta’uu eeruun, sagantichi cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 fi miiliyoona 14 fi kuma 700 dhaabuun fakkeenya ta’uusheetti gammaduus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.