Itiyoophiyaan hariiroo Ameerikaa waliin qabdu cimsuuf ni hojjetti-Amb. Binnaalfi Andu’alam
Finfinnee, Guraandhala 5, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan hariiroo waggoota dheeraa Ameerikaa waliin qabdu daran cimsuuf akka hojjettu Ameerikaatti Ergamaan Addaa fi Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Binnaalfi Andu’alam ibsan.
Ambaasaaddar Binnaalf iAndu’alam xalayaa muudamaa isaanii Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatti Shuumii Eeggataa Pirootookoolii Abii Joonsiif dhiheessaniiru.
Wayita xalayaa isaanii dhiyeessanitti Ambaasaaddar Andu’alam Abii Joonsi waliin mari’ataniiru.
Marichaan hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaan gidduu daran cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Hojiilee ambaasaaddarichi hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetaniif tumsa barbaachisu hunda akka taasisan Abii Joonsi ibsuu Ragaan Waashingitanitti Embaasii Itiyoophiyaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia