Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hojii dippilooomaasiin dandeettii falmachuu ishee mul’ise Hidha Haaroomsaan hojjeteetti -Hayyoota

Finfinnee, Hagayya 22, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan hojii dippilooomaasiin dandeettii mirga ofiif falmachuu Addunyaaf mul’ise Hidha Haaroomsaan hojjetteetti jedhan Hayyoonni.

Itiyoophiyaan Hidha Guddicha Haaroomsaa sadarkaa kanaan gahuuf hojii dippiloomaasii dandeettii mirga ofiif Addunyaarratti falmachuu mul’isteetti jedhan Inistitiiyuutii Qorannoo Dhimma Alaatti Qorataa kan ta’an Shimallis Hayiluun.

Biyyattiin waggoottan hedduuf qabeenya isheetti akka hin fayyadamneef dhiibbaan biyyootaa fi dhaabbilee garaagaraan taasifamaa turus, hojii dippiloomaasii fayyadamummaa waloo mirkaneesseen hojjetteen injifannoo argateerti jedhan.

Keessattuu Ijibti Itiyoophiyaa kara keessoon dadhabsiisuu fi karaa alaan ammoo dhaabbiilee guguddoo hojiilee misoomaa deeggaruun beekaman misooma Itiyoophiyaan gaggeessitu akka hin deeggarre dhiibbaa uumaa turuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan dhiibbaawwan kanneen dandamachuun hammattoo fi seera idil Addunyaatti fayyadamuun hidhicha ijaaruun xumuruu ibsaniiru.

Hojii dippiloomaasii cimaa Itiyoophiyaan hojjetteen olaantummaa fi yaadama hoggansaa Ijipti Laga Naayiil irratti qabdu kan kuffise ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan hayyuu qabdutti fayyadamtee dippiloomaasii hariiroo Idil addunyaa ishee guddise Hidhicharratti hojjetteetti kan jedhan immoo Yuunivarsiitii Dambii Dollootti Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Darajjee Xilaahuuni.

Injifannoon Hidha Guddicha Haaroomsaan argame kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taanee Kan Afrikaanotaatis jedhan.

Itiyoophiyaan waltajjiiwwan Idil Addunyaarratti dandeettii fi mirga qabeenya ofitti fayyamaduu agarsiisuus dubbataniiru.

Mootonni Itiyoophiyaa Hidha kana ijaaruuf yaalii taasisaa turu yaadachisuun, waggoottan darban kutannoo Mootummaan Jijjiiramaa agarsiiseen hidhichi xumuramee eebbaaf qophaa’uun Seenaa Itiyoophiyaanota kan jijjiirudha jedhan.

Sadarkaan dippiloomaasii Itiyoophiyaa Olaanaarra qaqqabuu kan mul’isuu ta’uus dubbatan.

Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Barsiisaan Injiinariingi Qabeenya Bishaanii Dooktar Masfiin Bantii gamasaaniin, hojiin dippiloomaasii cimaa hidha guddicharratti mul’ate damee hundaan cimee itti fufuu qaba jedhan.

Dipploomaasiin Itiyoophiyaan hidhicharratti mul’istees kan dinqisifatamuudha jedhan.

Itiyoophiyaan hojii kana caalu akka hojjettuuf dippilomaatonni, hayyoonni fi ogeessonni biyyaattii cimuu akka qaban dhaaman.

Fuuldurratti humni hidhicharraa madduu baay’ee olaanaa ta’uu isaan biyyattiin warshaalee indaastirii babal’isuun guddina diinagdee yaadde milkeessuu dandeessi jedhan.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.