Itiyoophiyaan invastimantii abbootii qabeenyaa alaaf mijataa ta’e uumteetti- Dooktar Ambaasaaddar Jamaal Bakar
Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan riifoormii diinagdee mandhalee gaggeessuun invastimantii abbootii qabeenyaa alaaf mijataa ta’e uumteetti jedhan Emereetota Araba Gamtoomaniitti Ergamaa Addaafi Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar.
Dooktar Ambaasaaddar Jamaal Bakar Hundeessaafi abbaa qabeenyaa Dhaabbata Invastimanti Giruuppii SBK Dooktar Sheek Sulxaan Biin Kaliifaa Biin Zaayid Alnaahiyaan waliin Dubaayitti mari’ataniiru.
Dhaabbatichi Itiyoophiyaatti dameewwan invastimantii garaagaraa keessatti bobba’uuf fedhii guddaa akka qabu ibsameera.
Dooktar Ambaasaaddar Jamaal Bakar wayita kana Itiyoophiyaan riifoormii diinagdee mandhalee gaggeessuun invastimantii abbootii qabeenyaa alaaf mijataafi hawwataa ta’e uumuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan gama Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaan giddugala daldalaafi loojistiksii Afrikaa akkasumas ga’umsa invastimantii ta’uu eeraniiru.
Dabalataanis abbootii qabeenyaa dameewwan xiyyeeffannoon kennameefirratti hirmaataniif paakeejiiwwan jajjabeessituu mootummaan qopheesse gadi fageenyaan ibsaniiru.
Dooktar Sheek Sulxaan Biin Kaliifaa Biin Zaayid Alnaahiyaan gamasaaniin tarkaanfiiwwan Itiyoophiyaan damee dhuunfaa jajjabeessuuf fudhatte hordofaa turuu kaasanii, dhaabbanni isaanii Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbatichi Itiyoophiyaa akka giddugaleessaatti fayyadamuun gabaa naannawichaa keessatti qooda isaa bahachuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.
Pirojektoota invastimantii adda baasuuf, caasessuufi gara hojiitti hiikamuu isaa hordofuuf kan gargaaru garee teekinikaa waloo hundeessuuf waliigalteerra gahuu Embaasichi Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.