Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Kolombiyaa waliin tumsa daldalaa cimsuu barbaaddi

Finfinnee, Hagayya 20, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan hariiroo daldalaa Kolombiyaa waliin qabdu cimsuu barbaaddi jedhan Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Yaasmiin Wuhaabrabbii.

Fooramiin biizinasii tumsa daldalaa Itiyoo – Kolombiyaa Finfinneetti taa’ameera.

Fooramicha irratti bakka bu’oonni Ministeera Daldalaa biyyoota lamaanii, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kolombiyaa fi miseensonni Mana Maree Daldalaa biyyoota lamaanii argamaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Yaasmiin Wuhaabrabbii yerooma kana Itiyoophiyaan tumsa daldalaa Kolombiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dinagdee man-dhalee hojiirra oolchuu dabalatee fooyya’iinsa dinagdee gooroo geggeessuu ishee kaasuun abbootiin qabeenyaa Kolombiyaa carraawwan inveestimeentii Itiyoophiyaa keessatti akka hirmaatan dhaamaniiru.

Itti aanaan Ministira Daldalaa Kolombiyaa Liwiis Filiippee Keenteroo gama isaaniin, Kolombiyaan hariiroo daldalaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf karoora akka qabdu dubbatan.

Bara faranjootaa 1947 irraa eegalee hariiroo kan eegalan biyyoonni lamaan dameewwan daldalaan, investimentiin, tuurizimiin, aviyeeshinii fi tekinooloojiin tumsaan hojjechuu barbaadu.

Fooramiin biizinasii kun hariiroo biyyoota lamaanii gara sadarkaa wayya’aatti ceesisuuf akka kaayyeffates himameera.

Solomoon Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.