Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan lammiilee Sudaan Kibbaa 644 carraa barnoota bilisaa kennite

Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan bara barnootaa 2024/25 lammiilee Sudaan Kibbaa 644’f carraa barnoota bilisaa kennuun ibsameera.

Lammiileen 577 carraa barnoota digirii jalqabaa fi 67’f ammoo digirii 2ffaa kennuu ishee Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Nabiil Mahaaddiin ibsaniiru.

Carraan barnoota bilisaa kun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu Ambaasaaddar Nabiil himaniiru.

Ministeera Barnoota Olaanoo, Saayinsii fi Teeknooloojii Sudaan Kibbaatti Daayrektarri Jeneraalaa Barnootaa fi Leenjii Piroofeesar Toochi Leeyim, Carraa Barnootaa Itiyoophiyaan lammiilee Sudaan Kibbaaf kennite galateeffataniiru.

Bakka bu’oonni barattootaas carraa barnoota bilisaa isaaniif kennameef galateeccahuun, faayyadamummaa waloo biyyoota lamaaniif akka hojjetan mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.