Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan mirkaneessa ga’umsaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa sadarkaa 3ffaa milkeessuun faayidaa hedduu qaba

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan mirkaneessa ga’umsaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa sadarkaa 3ffaa (Maturity Level 3) milkeessuun faayidaa hedduu qaba jedhame.

Ministeerri Fayyaafi Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaan mirkaneessa ga’umsaa Dhaabbata Fayyaa sadarkaa 3ffaa milkeessuu hordofee ibsa kennaniiru.

Mirkaneessi ga’umsaa kun milkaa’ina Itiyoophiyaan damee to’annoo qorichaan milkeessuuf karoorfatteef boqonnaa murteessaa ta’uun ibsameera.

Itiyoophiyaan sirna to’annoo sadarkaa idil-addunyaa eeggate diriirsuu ishee kan mirkaneessee fi kutannoo mootummaan fayyaa hawaasaa eeguuf agarsiise kan cimsu ta’uunis eerameera.

Beekamtiin kun lammiileef, dhiyeessitoota tajaajila fayyaafi deeggartoota idil-addunyaaf Itiyoophiyaan qorichoota ga’umsaan to’achuufi bulchuuf dandeettii qabaachuu kan mirkaneessedhas jedhame.

Itiyoophiyaan beekamtii kana argachuun Afrikaarraa salgaffaa Gaanfa Afrikaarraa ammoo kan jalqabaa ta’uun kan ibsame yoo ta’u, sadarkaa ga’umsaa kana milkeessuun ishee eegumsa fayyaa uummataa fooyya’e mirkaneessuuf kan gargaaru kan gargaaru fi beekamtiiwwan idil addunyaa biroo argachuuf kan fayyadu ta’uunis eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.