Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Miseensa Boordii Hoji Raawwachistuu UNESCO ta’uun filatamte

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC) -Itiyoophiyaan Mootummoota Gamtoomaniitti Miseensa Boordii Hoji Raawwachiistuu Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa ta’uun filatamte.

Yaa’ii waliigalaa 43ffaa UNESCO Uzbaakistaan magaalaa Samarkaanditti gaggeeffamaa jiru irratti Itiyoophiyaan Miseensa Bordii Hoji Raawwachiistuu ta’uun filamuun ibsameera.

Boordichi biyyoota 58 tokkoon tokkoon isaanii bara hojii waggaa 4 kan qaban akka qabu kan eerame yoo ta’u, Itiyoophiyaan hanga bara 2029 tti miseensa akka taatu ibsameera.

Itiyoophiyaan turtii boordicha keessatti qabaattuun bu’aa waloo dhaabbatichaaf biyyoota biroo waliin qindoominaan kan hojjettu ta’uun eerameera.

Dabalatanis akka arditti faayidaa Afrikaa eegsisuuf akkaata ergamaa fi mul’ata UNESCO’n waltajjiwwaan garaagaraarratti sagalee ishee dhaggeesisuuf carraa kan uumuuf ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.