Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf kutannoo qabdi- Dooktar Iyyoob Takkaalliny

Finfinnee, Adoolessa 16, 2017(FMC)- Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf kutannoo qabdi jedhan.

Dooktar Iyyoob Takkaallinyiifi hoggantoonni olaanoon mootummaa biroon Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa irratti hirmaachuuf Jeeneevaa galaniiru.

Dooktar Iyyoob Takkaalliny yaa’ichaan cinaatti Daayrektara Olaantuu Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Dooktar Niikoozii Aweelaa waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf kutannoo qabaachuu Dooktar Iyyoob marichaan hubachiisaniiru.

Kana malees tattaaffiiwwan taasifamaa jiraniifi qophii walga’ii garee hojii 6ffaa irratti ibsa kennaniiru.

Dooktar Niikoozii Aweelaan gamasaaniin, marii miseensummaa Itiyoophiyaa waggoottaniif harkifachaa ture xumuruuf kutannoon qaamolee mootummaa sadarkaan jiranii amansiisaadha jedhan.
Maricha yeroo qabameefitti xumuruuf kutannoo jiru itti fufsiisuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Walga’iin marii miseensummaa Itiyoophiyaa garee hojii marsaa 6ffaa dhuma baatii Fulbaanaatti akka gaggeeffamuuf waliigalteerra gahamuus Ministeerri Maallaqaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

Bu’uura karoora kanaan duraan adeemsa marichaa Yaa’ii ministirootaa dhaabbatichaa bara faranjootaa Bitootessa 2026 Kaameeruunitti gaggeeffamu irratti xumuruuf kan hojjetamu ta’uus ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.