Itiyoophiyaan Miseensa waljijjiirraa odeeffannoo uummataa ijoo Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa taate
Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan waraqaa ragaa Miseensa waljijjiirraa odeeffannoo uummataa ijoo Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (PKD) ta’uu ishee mirkaneessu fudhatteetti.
Waraqaa ragaa kana Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshiniifi Lammummaa Aadde Salaamaawit Daawwit Kaanaadaatti argamuun bakka Pireezidaantiin Dhaabbata Siiviil-Aviyeeshinii Idil-addunyaafi Ministirri Itti aanaan Ministeera Geejjibaa Kaanaadaa argamanitti fuudhaniiru.
Itiyoophiyaan miseensa hammattoo kanaa ta’uun lammiileen Itiyoophiyaa Paaspoortii Itiyoophiyaa qabatan wayita biyyoota miseensaa keessa socho’anitti dhamaatii malee akka imalan isaan dandeessisa.
Qaamolee geejjiba lafarraanis ta’e xiyyaaraan sanada waliin dhahameen gara Itiyoophiyaa dhufuu yaalan haala salphaan adda baasuuf akka gargaarus ibsameera.
Yaaddoo nageenyaa biyyarratti aggaamamuu malu dursanii ittisuuf kan gargaaru ta’uus Daayrektarri Kominikeeshiniifi Hariiroo Uummataa Tajaajilichaa Maastawaal Gadaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.