Itiyoophiyaan misooma faayinaansiifi inshuraansii diijitaalaan deeggarame hojiirra oolchaa jirti- Obbo Maammoo Mihiratuu
Finfinnee, Caamsaa 18, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan misooma sektara faayinaansiifi inshuraansii diijitaalaan deeggarame hojiirra oolchaa jiraachuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuun ibsan.
Obbo Maammoo Mihiratuun haasawaa Konfiransii waggaa Dhaabbata Inshuraansii Afrikaa 51ffaafi Yaa’ii Waliigalaa dhaabbatichaa irratti taasisaniin, fooyya’iinsi diinagdee damee dhuunfaa haala jajjabeessuufi invastimantii mirkaneessuun hojiirra ooluu ibsaniiru.
Damee faayinaansiin haala guddina diinagdee waaraa mirkaneessuu danda’uun fooyya’iinsa seeraa irraa jalqabee hojiileen jijjiirama fiduu danda’an hojjetamuu eeraniiru.
Hojiileen baroota jijjiiramaa darban damichaan hojjetaman misooma sektara inshuraansii deeggaruu keessatti shora olaanaa bahachuu ibsaniiru.
Rakkooleen liqaan walqabatan wayita furaman damicha sadarkaa barbaadamuun guddisuun akka danda’amus eeraniiru.
Leeykun Alamtu gabaase.