Itiyoophiyaan nagaa kabachiisuu keessatti gahee ishee ammayyeessuun kan itti fuftu ta’uun ibsame
Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan nagaafi tasgabbii idil-addunyaa kabachiisuu keessatti gahee ishee ammayyeessuun kan itti fuftu ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.
Jilli Injinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu Walga’ii Ministiroota Kabachiisa Nagaa Mootummoota Gamtoomanii Jarman Magaalaa Barliinitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.
Kana ilaalchisuun Gorsaan Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Simmanyi Gizawu Faanaa Diijitaalitti akka himanitti, walga’icharratti Injinar Ayishaan haasawaa taasisuu eeruun, Itiyoophiyaan guyyaa ergama kabachiisa nagaatti makamtee irraa kaastee gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Fuuldurattis gaheeshee kana gara sadarkaa olaanaatti guddisuun hojjechaa akka jirtu mirkaneessaniiru jedhan.
Itiyoophiyaanonni ergama kabachiisa nagaa idil-addunyaa irratti naamusaan, kutannoon, dandeettii ogummaan fi uummata waliin hariiroo cimaa uumuun dirqama isaanii bahachuun maqaa gaarii horachuu ibsuu eeraniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia