Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan qabsoo farra malaammaltummaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee hojjetaa jirti – Dooktar Saamu’eel Urqaatoo

Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan akkaataa qajeeltoo Konveeshinii Farra Malaammaltummaa idil addunyaan malaammaltummaa qolachuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jirti jedhan Komishinarri Komishinii Farra Malaammaltummaa Itiyoophiyaa Dooktar Saamu’eel Urqaatoon.

Guyyaan farraa malaammaltummaa idil addunaa 22ffaan kabajamaa jira.

Saganticharratti ergaa kan dabarsan Saamu’eel Urqaatoon dhaabbilee qabsoo farra malaammaltummaa guddisuuf xiyyeeffannoon addaan hojjetamaa jira jedhan.

Hanqinaalee qabsoo farra malaammaltummaa sirreessuun seerota fooyyessuun hojiin malaammaltummaa ittisuu hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Kanaanis piroojektoota jijjiiramaan dura malaammaltummaaf saaxilamanii turan baraaruun danda’amuu himan.

Yeroo itti aanu tajaajila bu’uuraa, bulchiinsa lafaa, sanadoota, bittaa fi dameewwan biroorratti xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama jedhan.

Leykuun Alamiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.