Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa gara biyyoota birootti akka babal’istu gaafatame
Finfinnee, Caamsaa 2, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa gara biyyoota birootti babal’isuun dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaa akka guddistu gaafatame.
Ashaaraan Magariisaa dameewwan damee dippiloomaasiif dandeettii dabalataa uuman keessaa tokko ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti miseensi Koree Dhimmoota Nagaafi Hariiroo Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.
Muuxannoo Itiyoophiyaan Ashaaraa Magariisaan qabdu dhageettummaa ishee akka guddisu eeruun, muuxannoo kana ijaarsa maqaa gaariif akka itti fayyadamtu himaniiru.
Muuxannoo kana biyyoota biroof qooduunis michummaa cimsuuf akka gargaaru kaasaniiru.
Sagantichi sadarkaa ardiifi idil-addunyaatti kan jajamu ta’uu kan kaasan Ambaasaaddar Diinaan, Itiyoophiyaan muuxannoo ishee qooduurra darbee sagantichi akka babal’atuuf hojjechaa jirti jedhan.
Inistiitiyuutii Dhimma Alaatti qorataa kan ta’an Dooktar Salamoon Takkaallinyi gamasaaniin, Itiyoophiyaan damichaaf xiyyeeffannoo addaa waan qabduuf baasii mataasheen biyyoota ollaaf biqiltuuwwan miiliyoonaan lakkaa’aman kennuu kaasaniiru.
Hoggantoonniifi anga’oonni biyyoota garaagaraa wayita gara Itiyoophiyaa dhufan Ashaaraa Magariisaa isaanii kaa’uun muuxannoo Itiyoophiyaa kan qooddatan ta’uus eeraniiru.
Yaa’iiwwan idil-addunyaarrattis muuxannoo ishee qoodaa jiraachuu kaasanii, Itiyoophiyaan hojii Ashaaraa Magariisaa gara biyyoota garaagaraatti babal’isuu cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.