Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa  walitti fufiinsaan hojiirra oolchuun fakkeenya taateetti – Dooktar Gammadoo Daalee

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa utuu walirraa hinkutin hojiirra oolchuun fakkeenya ta’uu ishee Yuuniivarsiitii Finfinneetti Tumsaan Pirofeeseraa  Ikooloojii Biqilootaa fi Lubbuqabeeyyii Dooktar Gammadoo Daalee ibsan.

Sagantaaleen dhaabbii biqilootaa waggoota darban keessa geggeeffaaman qabeenyi lubbqabeeyyii akka dabaluuf gargaaruu  Dooktar Gammadoo Daalee Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.

Dandeettiin lafti bishaan ittiin qabatu akka dabalu, darbees lolaa, goggiinsaa fi balaawwan walfakkaatoo jijjiirama qilleensaan dhufan dandamachuuf gargaaruus himaniiru.

Sagantaalee fi pirojeektonni  Ashaaraa Magariisaa dabalatee hojiirra oolaa jiran bu’aa fayyaa hawaasaaf fiduu eeranii, faayidaan gama dinagdeen qabanis guddaa ta’uu ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Mgariisaa bu’aa siyaasaas  qabaachuu fi Itiyoophiyaan waan jette raawwachuu kan dandeessu ta’uu ishee addunyaatti mul’isuun fudhatamummaa dippilomaasii akka argamsiiseefis dubbataniiru.

Dhaabbileen idil-addunyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu deggeraa jiaachuus eeran.

Sagantaan bu’a qabeessi kun duulaan hojjetamuurra darbee sadarkaa dhaabbataatti hogganmuu fi deggeramuu akka qabus hubachiisaniiru.

Biqiloonni guddina sammuu daa’immaniif  ga’ee olaanaa qaba kan jedhan Dooktar Gammadoon, fayyaan qaamaa fi samuu dhalootaa akka eegamuuf hawaasichi naannoo jireenyaa isaa biqiloota dhaabuun naanoo magariisawaa fi qilleensa qabu uumuu akka qabus dhaamaniiru.

Abeel Niwaaytiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.