Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Sagantaa Humna Niwukilaraa ishee sadarkaa Ejensii Atoomawaa Idil-addunyaa waliin walsimsuun hojiirra oolchuuf kutannoo qabdi- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Itiyoophiyaan Sagantaa Humna Niwukilaraa ishee sadarkaa Ejensii Atoomawaa Idil-addunyaa waliin walsimsuun hojiirra oolchuuf kutannoo qabdi jedhan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan Daayrektara Itti aanaa Ejensii Atoomawaa Idil-addunyaa fi Itti gaafatamaa Dippaartimantii Inarjii Niwukilaraa Dooktar Mikaa’el Chuudaakoov waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanii dhimmoota tarsiimawoo tumsa waloo inarjii niwukilaraa cimsuurratti kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana Itiyoophiyaan fedhii cimaa humnaafi teeknooloojii niwukilaraa naga qabeessa dameewwan fayyaa, qonnaa, indaastiriifi qorannoof fayyadamuuf qabdurraan kan ka’e hojjechaa akka jirtu ibsan.

Kanaaf ammoo Sagantaa Humna Niwukilaraa Biyyaalessaa eegaluu eeruun, Komishinii Humna Niwukilaraa hundeessuun gara hojiitti galuu ibsan.

Itiyoophiyaan Sagantaa Humna Niwukilaraa ishee sadarkaa Ejensii Atoomawaa Idil-addunyaa waliin walsimsuun hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuus hubachiisaniiru.

Imala Itiyoophiyaan humna niwukilaraa irraa fayyadamummaa ishee mirkaneessuuf eegalte dhugoomsuuf Ejensichi deeggarsa ogummaa kan taasisu ta’uus ibsameera.

Layikun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.