Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan seenaa fi mirga qabduun gaaffiin ulaa galaanaa argachuu ishee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ti-Adimiraala Itti aanaa Kinduu Gazzuu

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC) – Humni galaanaa Itiyoophiyaa dirqama kennamuuf ba’achuuf sadarkaa dandeessisu irra jira jedhan Ajajaan Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Adimiiraalki Itti aanaan Kinduu Gazzuu.

Guyyaan Raayyaa Ittisaa 118ffaan ”Biyya Hintuqamne, Raayyaa Hindheessine” mata duree jedhuun mana Barumsaa Humna Galaanaa keessatti kabajameera

Adimiiraalli Itti aanaan Kinduu Gazzuu wayita kana akka jedhanitti, mootummaan ejjennoo cimaa barbaachisummaa ulaa galaanaa irratti qabuun fi deggersa hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa kennaniin Humna Galaanaa Itiyoophiyaa gara maqaa isaa jalqabaatti deebisuuf hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeeyyii dha.

Itiyoophiyaan biyya seena qabeettii qormaatilee broota keessatti ishee mudatan injifannoon bira darbaa as geesse ta’uu ishee ibsanii, gaaffiin ulaa galaanaa dhimma jiraachuu fi iraachuu dhabuu Itiyoophiyaa ta’uu hubachiisaniiru.

Humni galaanaa ogeeyyii ga’umsa qabaniin of ijaaraa fi ijaarsa dhaabbilee guddisuun alatti abanhidhannoowwan waaraanaa bu’uuraa guuttachuu dubbataniiru.

Ulaan galaanaa fi Humni galaanaa kan addaan hinbaane ta’uu ibsanii, Itiyoophiyaan seenaa fi mirga qabduun gaaffiin ulaa galaanaa argachuuf dhiyeessite dhimma jiraachuu fi dhabuu ta’uu hubachiisaniiru.

Ulaa galaanaa argachuuf gaaffii haqaa biyyi keenya dhiyeessitu fayyadamummaa waloof qajeeltoo kennanii fudhachuu irratti hundaa’uun hojjechuu akka qabdu hubachiisuu isaanii Miidiyaan Onlaayinii Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.