Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Kaaraatee Afrikaa Bahaa 15ffaa olaantummaan xumurte
Finfinnee, Mudde 12, 2018 (FMC) – Qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffamaa kan ture dorgommiin Shaampiyoonaa Kaaraatee Afrikaa Bahaa 15ffaan olaantummaa Itiyoophiyaan xumurameera.
Shaampiyoonaa Kanaan dorgomtoonni Itiyoophiyaa dorgommii Siiniyariifi Juuniyeriin meedaaliyaawwan warqee jaha jaha waliigala meedaaliyaa warqee 12 argamsiisaniiru.
Kana malees dorgommiiwwan Siiniyariin meetii 9 fi nahaasa 3 argatteetti.
Shaampiyoonaa kanarratti Keeniyaa, Soomaaliyaa, Madagascaariifi Sudaan kan hirmaatan yoo ta’u Itiyoophiyaan meedaaliyaa 24 argachuun dorgommicha olaantummaan xumurteetti.
Daani’eel Indaaleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.