Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan shiraan ulaa galaanaa dhabde – Obbo Kabbadaa Deessisaa

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan hanga bara 1993tti ulaa galaanaa itti fayyadamaa turte shiraan dhabde jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii obbo Kabbadaa Deessisaan.

Karaa seenaanis seeranis mirkaneessuun nama rakkisuun karra galaanaa shiraan dhabuu ishee eeran.

Itiyoophiyaanonni Barbaraa, Taajuraa, Asab, Aduulis, Masawwaa hanga Galaana Diimaatti daldalaa turuu ibsan.

Haa ta’uutii karaa hin beekamneen karra galaanaarraa daangeffamuu ishee himan.

Kun ammoo shira seenaa fi seera idil addunyaa cabsuun dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa sarbeedha.

Karra galaanaa dhabuun ammoo dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jedhan.

Lafa taakkuu hin guunnerratti karra galaanaa dhabuun ishee balaa guddaa ta’uu ibsan.

Dhimma akka filannootti ilaallamu osoo hin taane dhimma Nageenyaa fi Diinagdee biyyaaf yaaddessaa ta’eedha.

Biyyoonni biroo fageenya kiiloo meetira kumaatamaarra dhufanii karra galaanaa bakka qabanitti Itiyoophiyaan qa’ee ishee jalatti dallaan shiraa itti ijaarame jedhan.

Ammatti waan seenaan qabaachaa turre seeraan ala dhabne kun daraan akka nu barbaachisu irratti waliigalamuu eeran.

Yeroo ammaa hojiin dippiloomaasii cimaa ta’ee sadarkaa idil addunyaatti hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Gaaffiin Itiyoophiyaan dhiyeessite gaaffii sirrii ta’uus biyyoonni hedduun fudhachuu himaniiru.

Itiyooophiyaan Ulaa Galaanaa dhabuun rakkoon dhufu addunyaa hunda akka jeequ hubatamaa dhufeera jedhan obbo Kabbadaa Deessisaan turtii Faanaa Poodkaasti waliin taasisaniin.

Itiyoophiyaa kabajamte, sodaatamtu, biyyi hundi barbaaduu fi gama hundaan cimte ijaaruun qooda lammiilee hundaa ta’uu hubachiisaan.

Karaa seeraa fi nagaan dantaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiin seera bu’uura godhate hojjetamaa akka jiru ibsan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa
argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.