Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Sudaan kibbaaf deggersa barbaachisu akka kennitu mirkaneessite

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Nagaa fi tasgabbiin Sudaan Kibbaa bu’aa biyyaalessaa Itiyoophiyaan waliqabataa waan ta’eef deggersa barbaachisu akka kennitu Itiyoophiyaan beeksisteetti.

Daarikteerri Waliigalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Geetaachoo Raddaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakiir Maachaar fi Itti aanaa isaanii Beenjaamiin Boolmel waliin mari’ataniiru.

Jilli kun ergaa Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimad irraa ergames geesseera.

Wayituma kana maree geggeessaniin nagaa fi tasgabbiin Sudaan Kibbaa bu’aa biyyaalessaa Itiyoophiyaan waan walitti hidhameef, Mootummaan Itiyoophiyaa karaa barbaachisaa ta’e hundaan kan deggeru ta’uu ibsaniiru.

Pirezidaanti Saalvaakir fi itti aanaan isaaniis Itiyoophiuaan durumaa jalqabee deggersa addaan hincinne gochaa jiraachuu kaasuun galateeffataniiru.

Deggersi kun jabaatee itti fufuu akka qabus gaafachuun isaanii gabaafameera.

Jilli kun ergama isaa xumuruun gara biyyaatti deebi’eera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.