Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti- Dooktar Maqdas Dhaabaa
Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Itiyoophiyaan tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii babal’isaa jirti jedhan.
Fooramiin wal’aansa dhibee kaansariirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Maqdas fooramicharratti akka jedhanitti, tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii kanaan dura Finfinnee giddugala tokko qofatti kennamaa ture babal’isuun naannoleetti giddugaloonni dabalataa shan banamaniiru.
Giddugaloota wal’aansa kaansarii naannoleetti argaman shan keessaa afur tajaajila kennaa jiraachuu kaasanii, giddugalli hafe tokkos yeroo dhiyootti tajaajila kennuu akka eegalu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hojii babal’ina giddugaloota wal’aansa dhibee kaansariif Yuuroo miiliyoona 25 baasii taasisuu kan ibsan Dooktar Maqdas, kunis bu’uuraalee misoomaa fayyaafi dhiyeessii galtee fayyaaf ooluu kaasan.
Gama tajaajila wal’aansaa keemooteeraappii waliingahuunis yeroo ammaa hospitaalota 13 keessatti tajaajilli kun kennamaa jira jedhan.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.