Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waggoota 10 keessatti ulaa galaanaa yoo hin arganne waggaan giddugaleessan Doolaara biiliyoona 50 ol dhabdi – Obbo Darajjee Dajanee

Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC) –Itiyoophiyaan waggoota kurnan itti aanaan keessatti ulaa galaanaa argachuu yoo hin dandeenye waggaan giddugaleessan Doolaara biiliyoona 50 ol dhabdi jedhan Gorsaan Misooma Diinagdee fi Invastimantii obbo Darajjee Dajaneen.

Diinagdeen Itiyoophiyaa saffisaan guddachaa jiraachuu kaasan obbo Darajjeen turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.

Waggoota 10 keessatti oomishni waliigalaa waggaa Doolaara Tiriiliyoona 1 ni gahaan tilmaamamuu ibsan.

Daldalli al ergii fi alaa galu ammoo % 50 uwwisa jedhan.

Yeroo amma buufataa fi dhimmoota buufataan walqabataniin baasiin bahu % 10 ta’uu eeran.

Baasiin kun hamma kaffaltii osoo hin dabaliin yoo tureeyyuu waggoottan kurnan itti aanaan keessatti Itiyoophiyaan waggaan Doolaara biiliyoona 50 dhabdi jedhan.

Kunis qabeenya piroojektii guddaa akka Hidha Guddicha Haaromsaa ijaaruu danda’u waggaa waggaan dhabaa akka jirtu mul’isa jedhan.

Heenok Baqqalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.