Itiyoophiyaan Yaa’ii Cop32 akka qopheessituuf filamuun misooma anniisaa haaroomfamaaf murannoo ishee kan mirkaneessuudha- Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa
Finfinnee, Sadaasa 19, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii akka qopheessituuf filamuun misooma anniisaa haaroomfamaaf murannoo ishee kan mirkaneessuudha jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan.
Dooktar Injiinar Haabtaamuun, Itiyoophiyaan Diinagdee, Bishaan, Aduu, Bubbee fi kanneen biroo jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’u qabdi jedhan.
Lammiileen naannawaa baadiyyaa jiraatan aduun fayyadamoo misooma anniisaa elektirikii ta’aa jiraachuus dubbataniiru.
Naannawaa anniisaan elektirikii hin qaqqabne mandara baadiyyaa fi magaalootaatti fayyadamummaa anniisaa aduu guddisuuf tumsaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan misooma anniisaa haaroomfamaa fi sodaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuun sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argachaa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyoonni badhaadhaan guddina isaanii mirkaneessuuf karaan imalan gaaziiwwan faalama qilleensaa uuman fayyadamuun dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaan addunyaa gatii kaffalchiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa anniisaa haaroomfamaa Itiyoophiyaatti ijaaraman addunyaa jijjiirama qabeenya qilleensaan qoramaa jirtuuf baruumsa kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa anniisaa haroomfamaa dorgommii invastimantii Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kan guddisu ta’uu himuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.