Itiyoophiyaan Yaa’ii Faashinaa biyyoota miseensa BRICS irratti hirmaatte
Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii Faashinaa biyyoota miseensa BRICS 2025 Raashiyaa Magaalaa Mooskootti gaggeeffamerratti hirmaatte.
Taatowwan Indaastirii Faashinaa Itiyoophiyaa qooda fudhattoota damichaa idil addunyaa waliin wal arguun akkaataa damicha guddisuu fi fayyadamummaa Diinagdee cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Bakka buutoonni kumni 1 ol kan biyyoota 60 irraa walitti babba’an waltajjicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, argisiisa aadaa, kalaqa, guddina waaraa fi hojiilee damichaarratti mariin taasifameera.
Damicha guddisuuf biyyoonni miseensa BRICS tumsaan hojjechu akka qaban himamuu TV BRICS gabaaseera.
Yaa’iin Faashinaa BRICS Indaastiricha sadarkaa idil addunyaatti guddisuuf qooda olaanaa qabaachuus ka’eera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.