Itiyoophiyaan yaa’ii “ID4 Africa 2025” qopheessuu isheetti ni boonti- WMM
Finfinnee, Caamsaa 12, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan yaa’ii “ID4 Africa 2025” qopheessuu isheetti kan boontu ta’uu Waajjirri Ministira Muummee ibse.
Guyyaa har’aa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti yaa’iin “ID 4 Africa 2025” ifatti banamuu waajjirichi ibseera.
ID 4 Africa’n eenyummaa cimaafi itti gaafatamummaan itti dhagahamu kan tattaaffiiwwan misooma hawaas-diinagdee, ce’umsa diijitaalaafi namoomaa ijaaruun biyyoota Afrikaa deeggaruuf kutannoo kan qabu sosochii Paan-Afrikaa ta’uu eereera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawa baniinsaa taasisaniin, Itiyoophiyaan sirna waraqaa eenyummaa bittinnaa’aa keessaa bahuun tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2025’n kan eegalame Eenyummeessaa diijitaalaa amansiisaafi hammataa ta’e gara “Faayidaa”tti ce’uu ishee ibsuu isaanii waajjirichi kaaseera.
Eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaa’f hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 15 ol galmaa’uu fi namoota miiliyoona 90 galmeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus eeraniiru jedhe.
“Faayidaan” lammiileen hundi keessumaa dubartoonni, dargaggoonniifi hawaasni qe’eerraa buqqa’e tajaajila barbaachisaa akka argataniif kan gargaaru ta’uu beeksisuu eereera.
Dameewwan faayinaansii, fayyaafi barnoota keessatti “Faayidaan” Birrii tiriiliyoonni 9.6 bittaafi gurgurtaa diijitaalaan akka socho’uuf gargaaraa jira jedhaniiru.