Itiyoophiyaan yakkoota daangaa ce’an ittisuuf murannoo qabdi- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan tumsawwan yakkoota daangaa ce’an ittisuuf taasifaman cimsuuf murannoo qabdi jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Pireezidaantii Dhaabbata Poolisii Idil-addunyaa ( Interpool) Ahimad Naasir Al-Raayiz waliin mari’ataniiru.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan tumsawwan yakkoota daangaa ce’an ittisuuf taasifaman cimsuuf kutannoo qabdi.
Gahee Interpool dhaabbilee poolisii biyyootaa qindeessuun bahachaa jiru dinqisiifachuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.