Itiyoophiyaanonni seenaa haaraa barreessuun bara kanas guyyaa tokkoon Biqiltuuwwan miiliyoona 700 ni dhaabuu- TKM
Finfinnee, Adoolessa 24,2017 (FMC) _ Itiyoophiyaanonni seenaa haaraa barreessuun bara kanas guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 700 ni dhaabuu jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuun eegalamu sababeeffachuun ibsa kenneera.
Ministir Deetaan Tajaajilichaa Tasfaahuun Gobazaay ibsa kennaniin, Itiyoophiyaanonni waggoottan jahan darban biqiltuuwwan heddu dhaabuu ibsuun, har’as guyyaa tokkootti biqiltuuwwan miiliyoona 700 ni dhaabna jedhan.
Biqiltuuwwan kan dhaabnu eegumsa naannoo cimsuuf, Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf,diinagdee Magariisaa ijaaruu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa qormaata Addunyaa ta’e dandamachuuf ta’uu dubbataniiru.
Bara kanas mootummaa fi Ummanni qindoominaan hojiilee hojjetaniin, biyyattiin guddina itti aanutti akka ceetuuf haala kan mijjeesuudha jedhan.
Waggoottan jahan darban Biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoonni 40 dhbabbachuu ibsuun, bara kanas biqiltuuwwan biiliyoona 7. 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.