Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanonni ummata faayidaa biyyaalessaa isaanii karaa seeraan kabachiifachuu danda’aniidha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaanonni ummata faayidaa biyyaalessaa isaanii karaa seeraan kabachiifachuu danda’aniidha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Biyyi kamiiyyuu qabeenya uumama qabu qaama biroo osoo hin miidhin fayyadamuu mirqa akka qabu eeran.

Biyyi odeeffannoo guutuu hin qabnee fi daraan of jaalatu faayidaan biyyaaleessaa isaanii gaaffii keessa gala jedhan.

Itiyoophiyaan gama faayidaa biyyaalessaa isheen biyya daraan miidhamteedha.

Biyyi mirga faayidaa biyyaalessaa akkaataa haqa qabeessa hin taane sarbamteedha.

Itiyoophiyaan abbayyaa wayita faayidaaf oolchitu qaamni miidhame hin jiru jedhan.

Biyyoonni yaa’a gadii obboleeyyan Itiyoophiyaati, ummata tokko, kanneen qaroomina walfakkaatu qabaniidha, garuu ana qofatu nyaata dhimmi jedhu kana booda fudhatama akka hin qabne hubachiisan.

Itiyoophiyaanonni ummata faayidaa biyyaalessaa isaanii karaa seeraan kabachiifachuu danda’an ta’uu eeran.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.