Itiyoophiyaatti yaadama hin danda’amu jedhu qofa osoo hin taane waan hojjetamellee amanuun rakkisaadha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 1, 2018 (FMC) –Itiyoophiyaatti yaadama hin danda’amu jedhu qofa osoo hin taane waan hojjetamellee amanuun rakkisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Itiyoophiyaanonni yaadama hin danda’amu jedhu jijjiiruu akka qabu hubachiisan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiilee misooma Koriidarii baadiyyaa ilaalchisee hoggantoota mootummaa federaalaa fi naannolee waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaatti dandeettii ofiin waan haaraa uumuu caalaa muxannoon waan alaa waraabuu aadaa ta’ee turuu ibsan.
Biyyattii keessatti yaadamni hin danda’amu jedhu qofa osoo hin taane waan hojjetamellee amanuun rakkisaa ta’uu eeran.
Fakkeenyaaf hojiilee misooma koriidarii fi Piroojektoota dandeettii Itiyoophiyaan hojjetaman dandeettii ofiin akka hojjetame amanuurra yaadonni dizzaayinii alaa fi maallaqa alaan walqabsiisuu jiraachuu dubbatan.
Itiyoophiyaan biyyoonni amma jiru kunneen hedduun isaanii osoo hin ijaarramni biyya qaroomina olaanaa qabdu turte jedhan.
Aadaan ni danda’amaa daraan babal’achuu akka qabu kaasan.
Miikiyaas ayyalaatiin.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.