Itiyophiyaanonni seenessa qoodinsaa qolachuun nageenyaa fi misooma waaraaf waardiyyaa dhaabbachuu qabu – Dooktor Jamaal Bakar
Finfinnee, Sadaasaa 28, 2018 (FMC) – Itiyophiyaanonni seenessa qoodinsaa qolachuun nageenyaa fi misooma waaraaf waardiyyaa dhaabbachuu qabu jedhan Emereetota Arabaa Gamtoomanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar .
Itiyoophiyaanonni Dubaay fi naannoo ishee jiraatan Guyyaa Saboota, Sab-lammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa qophiilee adda addaan kabajaniiru.
Ambaasaaddar Dooktar Jamaal wayita kana akka dubbatanitti, Sirni Federaalaa mootummaan Jijjiiramaa hojirra oolche uummata caalmaatti walitti fideera.
Pirojeektoti gurguddoo Mootummaan doolaara biliyoona 30 baasuun ijaaraa jiru abdii Itoophiyaanotaa gara milkaa’ina qabatamaatti kan ceesisanii dhas jedhan.
Pirojeektonni misoomaa kunniin tattaaffii waloo Itiyoophiyaanota biyya jaal’ataniin akka milkaa’an kan abdatan ta’uus ibsaniiru.
Lammiilee fi dhalattoonni Itiyophiyaa saganticha irratti hirmaatan gama isaaniin, pirojeektonni biyyaalessaa garguddoo mootummaan eegale biyyattii gara Badhaadhina waliigalaatti kan jijjiiran waan ta’eef, humna isaanii guutuun kan deggeran ta’uu mirkanessaniiru.
#Oromia #Ethiopia