Itoophiyaan Afrikaan balaa akka hinsodaanneef hojjechaa jirti – Obbo Tamasgeen Xurunaa 1
Finfinnee, Ebila 1, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, Itoophiyaan ce’umsa diinagdee eegumsa naannoo fi ijaarsa dandeettii ittisa balaa waliin walitti qindeessitee hojiirra oolchuun, dandeettii sodaa balaa dandamachuu Afrikaa cimsuuf hojjechaa jirti jedhan.
Obbo Tamasgeen kana kan dubbatan, waltajjii hirmaattota dhimma Dandeettii Mudannoo Balaa Afrikaa (ARC) 16ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru irratti.
“Itoophiyaan gatii jijjiiramni qilleensaa kaffalchiisu ni hubatti; dhiibbaa isaas argiteetti; jijjiiramaafis hojjechaa jirti” jechuunis ibsan.
Kanaafis imaammatni fi tarsiimoon misoomaa Itoophiyaa ajandaawwan ardii tilmaama keessa kan galche ta’uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan, qonna ismartii, qabeenya qilleensaa, indaastirii, albuuda, tuurizimii fi teeknoolojii irratti invasti godhamaajiraachuu fi dandeettiin dandamannaa misoomawwan biyyaalessaa keessatti qindaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Sagantaaleen biyyaalessaa kanneen akka Ashaaraa Magariisaa, sochiin wabii nyaataa, misooma kooriidarii fi babal’ina anniisaa haaromfamaa sagantaalee biyyaalessaa qofa osoo hin taane, dandeettii dandamannaa balaa ardichaa ijaaruu, of danda’uu fi cimsuu, akkasumas egeree itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf carraaqqii taasifamu ta’uu akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Itoophiyaan yaa’ii jijjiirama qilleensaa addunyaa (COP32) keessummeessuuf qophii bal’aa taasisaa jiraachuus kaasaniiru.
Hongeen, lolaan, obomboleettii, weerara dhukkubaa fi kirkirri lafaa deddeebi’anii uumamuu fi jabaachaa dhufuu kaasanii, kunis diinagdee raasuun sirna nyaataa akka laaffisuu fi dhiibbaan inni uummata irratti fidu laafaa akka hin taane ibsaniiru.
Afrikaan dandeetti sodaa balaa dandamachuu Ajandaa 2063 waliin wal-simu, ofitti amanamummaa fi tokkummaa dhugoomsuuf, dhaabbilee akka ARC cimsuun gara galma keenyaatti nu geessas jedhaniiru.
Layikun Alamtu gabaase
#Oromia #Ethiopia