Itoophiyaatti lafa bal’aa gammoojjii cimsinee itti fayyadamuu qabna – ministra Muummee Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 29, 2017(FMC) – Misooma naannoo gammjoojjii bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiru caalmaatt
cimsuun jabaannee hojjechuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee gaaffii fi deebii kutaa 3ffaa keessatti misooma gammoojjiin walqabatee hojiiwwan Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuu fi dhimmoota itti aananii hojjataman ibsaniiru.
Ibsa isaaniinis karaan jijjiirama ilaalchaa itti. itti fidne tokko ilafa Itiyoophiyaa, namaa fi beekumsa fayyadamuu qabna kan jedhuu dha jedhan.
Kanaafis ida’amuun barbaachisaa ta’uu eeruun qabenyi, humnii fi beekkumsi hin ida’amne badhaashina abuurrannee jirru mirkaneessuu hindand’us jedhan.
Gammoojjiin rakkoo miti, ilaalcha gammoojjii irratti qabamu sirreessuu qabna kan jedhan Dooktar Abiyi, waan hinargatineef malee gammoojjii keessa d;qabeenya, humna namaa badhaashina Itiyoophiyaa gargaaruu danda’an tu Jiira jechuun ibsaniiru.
Kanaafuu naannooleen gammmoojjii qixa qabeenya qabaniin lafa, bishaani fi nama ida’uun qixa barbaadamuun misoomaaf oolchuu qabnas jedhan.
Qabeenyi naannoo gammoojjii biyyattii misoomsuuf humna akka qabu ibsan.
Qabeenya uumamaa naannoo Oomoo kibbaa akka fakkeenyaatti eeruun, naannoo kanatti jallisiin km 145 dheeratu humna bishaanii guddaa qabu ijaramuu kaasaniiru.
Kana maashina fayyadamuun hojiitti hiikuun akka biyyaatti nyaataan of danda’uuf tattaaffii jiru baay’ee degger jechuun ibsaniiru.
Kanas maashina seeraan fayyadamuun haaokiirra oolchuun akka biyyaatti nyaataan of danda’uuf tattaaffii taasifamu haala gargaara jedhan
Sumaalee, Affaar fi Booranaatti humni guddaan akkanaa jiraachuu dubbataniiru.
Gammoojjiin Itiyoophiyaa bal’aa dha. Gammoojjii jechuun ammoo haala salphaa dhaan maashinaan misoomuuf kan miijatu ta’uus hubachiisanii, lafa qofa osoo hintaane namnis ida’amuu kaasan.
Akka duraanii gargaatota osoo hintaane hunduu qixa akka ilaallamu ta’eera jedhan.
Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti omishtummaa qamadiin tokkoffaa ta’uu kan mirkaneessan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, sadarkaa tokkoffaa qofa osoo hin taane, Afrikaatti qamadii oomishuun sadarkaa 2ffaa irra kan jirtu Ijiptiin dachaa sadiii ollln akka caaltu ibsaniiru.
Kanas xiqqeessuuf yaaluun sirrii akka hin taane cimsanii dubbatan.
Itti fayyadama teeknooloojii ilaalchisees; naannofnee lafti hangam akka qotame ilaaluun nu hin barbaachisu; bakka tokko teenyee beekuuf kan nu dandeessisu daataa saatalaayitii ilaaluu dandeenyas jedhan..
Waggoota lamaan sadan darban keessa qamadii biyya alaa irraa hin galchine; sanaan dura hanga doolaara biiliyoona 1 baasna turre jedhan Ministirri Muummee.
Haa ta’u malee, Itoophiyaan biyya baqattoota hedduu keessummeessitu waan taateef dhaabbileen idil-addunyaa qamadii biyya alaa galchuun gargaaruu akka danda’an hubatamuu qaba; kana jechuun Itoophiyaa gargaaran jechuu miti; baqattoota biyyoota adda addaa irraa dhufanii kooluu galaniif malee jechuun hubachiisan.
Dhiyeessii fi fayyadama keenya walitti hidhuu irratti qormaanni hedduun jiru; oomishuu waan dandeenyuuf qofa milkoofne jechuu miti. Fuulduratti hojiiwwan hojjechuu qabnu hedduun akka jiran ni beekna jedhan.
Walumaagalatti gammoojjii irrattii cimnee hojjechuu qabna; ati hiriyaadha, lafti garuu kan keenya jechuun hindanda’amu; namnis laftis kan waliinii ti, Waliin hojjenna jechuun hubachiisan.
Yohaannis Darriboon