Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,361 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 3,2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,361 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 27 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,985 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,361 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 355 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 28,864 irratti argama.

Namoonni 454 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 27 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,510 darbeera.

Weerarri vaayrasii koroonaa Ityoophiyaatti erga muul’atee boruu waggaa tokko guuta.

Ityoophiyaan guyyaa namni jalqabaa vaayrasiin koroonaa irratti argame waggaa 1ffaatti talaallii vaayrasichaa laachuu guyyaa boruu ni eegalti.

Ityoophiyaatti namni jalqabaa lammiin Jaappaan ga’eessi umrii waggaa 48 Bitootessa 4, 2012 qabamuun isaa kan yaadatamuudha.

Waggaa tokko keessatti namoota miiliyoona 2 fi kuma dhibba 2 fi kuma 14 fi 180 f qorannoon laabraatoorii taasiifameera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibba 1 fi kumni 72 fi 572 qabamaniiru

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.