Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti talaallii Covid – 19 kennuun eegalame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2013 (FBC) – Talaaalliin COVID-19 Koovaaksi jedhamu Magaalaa Finfinnee fi Bahaar Daaritti kennuun eegalameera.

Magaalaa Finfinneetti talaallii jalqabaa hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa magaalichaa Dooktar Yohaannis Caalaa fudhachuun eegalchisan.

Sirna talaallii kennuu jaqlqabsiisuu kanarraatti itti aantuu Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Habeebees argamaniru.

Aadde Adaanch Habeebee,kooviid-19 erga ka’e kaase vaayirasicha dura dhabbachun adda duree kana ta’an ogessoota fayyaaf galanni fi ulfinni isaanii malaa jedhan.

Taalaalliin kun hawaasa bira hanga gahutti ofegganno cimaa akka taasifamu waamicha dhiyeessaniru.

Magaalaa Bahaar Daar Hospitaala Ispeeshaalistii waliigalaa Falagahiyiwaatiittis talaallicha laachuun eegalameera.

Sirnicharratti Preezdaantii naannichaa obbo Aganyi Tashaagar dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon naannichaa argamaniiru.

Akka naannoo Oromiyaattis Hospitaaloota garaagaraa keessatti har’a ni jalqaba.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.