Fana: At a Speed of Life!

Ivaan Raakiitiich tapha Kubbaa Miilaa dhaabe

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2017 (FMC) – Lammiin Kirooshiyaa taphataan duraanii Baarseloonaa Ivaan Raakiitiich tapha Kubbaa Miilaa dhaabuu beeksise.

Taphataan sarara gidduu duraanii Baarseloonaa, Siiviyaa fi Kilaba Saa’udii Alshabaab, Ivaan Raakiitiich umrii waggaa 37ffaa isaatti tapha Kubbaa Miilaa Dhaabuu ifoomse.

Ivaan Raakiitiich biyya isaa fi Kilaboota kanneeniif taphoota 971 taphachuun kubbaawwan galchii ta’an 288 irratti gumaacha taasiseera.

Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa dabalatee waancaawwan garaagaraa milkeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.