Ixaana gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 1.6 argame
Finfinnee, Hagayya 5, 2017(FMC) – Bara baajetaa xumurametti oomisha ixaanaa gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 1 fi kumni 600 argameera jedhe Korporeeshiniin Hojiiwwan Qonnaa Itiyoophiyaa.
Hojii Raawwachiisaan Hoggansa Kominikeeshinii fi Ittigaafatama Hawaasummaa Korporeeshinichaa Gaashaaw Ayichiluuhim Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, oomisha ixaanaa kuntaala kuma lamaa fi 505 Chaayinaa, Dubaay, Giriik, Tuuniziyaa fi Turkitti erguun galiin doolaarri miliyoonni 1 fi kumni 600 caalu argameera.
Dabalataan ixaana kuntaala 260 gabaa biyya keessaaf dhiyaaterraas galiin Birrii miiliyoonni 700 fi miliyoonni 10 argamuu ibsaniiru.
Oomisha ixaanaa korporeshinichi walitti qabu keessaa %90 gabaa biyya alaaf kan dhiyaatuu dha.
Daldalli seeraan alaa fi qormaatileen biroo damicha keessatti mul’atan biyyattiin oomisha ixaanaa fi haphee irraa sadarkaa barbaadamuun akka hin fayyadamne daangessuu eeraniiru.
Bara 2018tti ixaana kuntaala kuma lamaa fi 510 gara gabaa alaatti erguun sharafa alaa damee kanarraa argamu guddisuuf karoorfamuus himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.