Jaappaan riikardii saffisa intarneetii cabsite
Finfinnee, Adoolessa 4 2017 (FMC)- Qorattoonni Jaappaan saffisa intarneetii sekondii tokkotti peetaabitisii 1.02 galmeessuun riikardii addunyaa cabsaniiru.
Argannoon kun teknooloojii faayibar optikii amma jirutti fayyadama kan jedhame yoo ta’u, adeemsa qoodinsa daataa addunyaarratti jijjiirama hedduu fida jedhameera.
Boqonnaan kun saffisa intarneetii neetworkoota 6G fi keebilii galaana jalaa fooyyessuun muuziqaa guutuu fi fiilmiiwwan neetfiliiksii sekondii tokko keessatti akka buufamu kan taasisudha.
Boqonnaan kun teknooloojii faayibar optikii jiru fayyadamuun akkaataa namoonni addunyaa odeeffannoo itti qooddatan, akkasumas ittifayyadama kompiwutaraafi artifishaal intalajansi isaanii haalaan fooyyessa jedhameera.
Saffisni intarneetii haaraan kun yeroo tokkotti viidiyoo miliyoona kuma saddeet qulqullinaa fi saffisa olaanaan dabarsuun akka danda’amu ta’uu ‘Busines Today ‘irraa odeeffanne.