Fana: At a Speed of Life!

Jaarsoliin biyyaa gara naannoo Tigraayitti kaka’umsa ofiin imalan Ministira Nageenyaa waliin mari’atan

Finfinnnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Waamicha nageenyaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhiyeessan hordofee jaarsoliin biyyaa kaka’umsa ofiin gara naannoo Tigraayitti imalan Ministira Nageenyaa waliin mari’atan.

Jaarsoliin biyyaa kunneen Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wayita Mana Maree Bakka’oota Ummataaf ibsa kenneen jaarsoliin biyyaa nageenya waaressuu keessatti qooda isaanii akka bahan waamicha dhiyeessan fudhachuun gara naannichaatti imaluun qaamolee adda addaa waliin mari’achuun waamicha nagednyaa dhiyeessutu ibsame.

Hoggantoota mootummaa Federaalaa dhimmichi ilaalatu waliin dubbachuun bu’uura gaaffii dhiyaateen ministira nageenyaa fi hoggantoota biroo waliin mari’ataniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idiriis jaarsolii biyyaa kutaalee hawaasaa hunda keessaa walitti babba’an kaka’umsa ofiin karaa gurmaa’een nageenya waaressuuf qooda bahatan dinqisiifachuun,akkaataa duudhaa fi aadaa Itiyoophiyaan rakkoolee furuuf tattaaffiin taasifamu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.