Fana: At a Speed of Life!

Jijjiiramaan as damee Teeleekoominikeeshiniin milkaa’inni akka Afrikaatti adda duree ta’e galmaa’eera

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Jijjiiramaan as damee Teeleekoominikeeshiniin milkaa’inni akka Afrikaatti adda duree ta’e galmaa’eera jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

Dameen telekominikeeshanii abbootii qabeenyaa dhuunfaaf banamaa ta’uun guddina diijitaalaa yeroo ammaa saffisaa jedhaman keessaa tokko galmeessiseera.

Baay’inni fayyadamtoota moobaayilaa miiliyoona 37.9 irraa gara miiliyoona 87.9tti guddachuun dandeettii dhaqqabummaa fi hunda-galeessummaa bal’iseera.

Tajaajilli faayinaansii moobaayilaa fayyadamtoota miiliyoona 58 ol horateera.

Sochiin maallaqaas biiliyoona 7.5 ol darbuun dhaqqabummaa fi hunda-galeessummaa faayinaansii dhugoomseera.

Fooyya’iinsi damee faayinaansii tasgabbii dinagdee maakiroo mirkaneessaa jira.

Kanaan kan ka’es liqiin baankii kanaan dura haala olaanaan mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaaf ture, qoodni dhuunfaa akka ol ka’u taasifameera.

Kanaanis qoodni abbootii qabeenyaa dhuunfaa waliigala liqii baankota irraa kennamu keessaa dhibbeentaa 85 ol
ga’eera.

Baankota mootummaa deebisanii ijaaruu fi fayyummaa damee faayinaansii eegsisuun dhangala’’iinsa maallaqaa fooyyesseera; qulqullina qabeenyaa dabaleera; waarummaa faayinaansiis mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.