Jijjiiramni biyyaalessaa gaaffilee ummataa kanneen bu’uura ta’aniif deebii kennaa jira – obbo Fiqaaduu Tasammaa
Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) –Jijjiiramni biyyaalessaa gaaffilee ummataa kanneen bu’uura ta’aniif deebii kennaa jira jedhan Ministirri Damee Gurmaa’insa Giddugala Qindeessa ijaarsa Sirna Diimookiraasii obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Obbo Fiqaaduu Tasammaan turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii waliin taasisaniin jijjiiramni biyyaalessaa rakkoolee hawaasummaa, diinagdee fi Siyaasaa turan furuuf kan kaayyeffateedha jedhan.
Fedhii bulchiinsa gaarii lammiilee guutuuf, akkasumas rakkoolee hiyyummaa fi duubatti hafummaa hiikuuf riifoormiin siyaasaa barbaachisuu dubbatan.
Hirmaachisummaan, haqa qabeessummaa, bakka bu’ummaan ummataa fi rakkooleen misoomaa jijjiiramni akka dhufu sababoota ijoo turan jedhan.
Mirgoonni namoomaa kabajamuu dhabuun lammiileen jijjiirama sirnaaf akka qabsaa’an dirqisiisuu eeran.
Gaaffilee ka’an deebisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu himuun, mootummaan jijjiiramaa rakkoolee biyyaalessaaf furmaata biyyaalessaa hojiirra oolchaa jiraachuu kaasan.
Mootummaan tokkummaa fi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessaa jira jedhan.
Gaaffileen ummataa daran murteessoo ta’an deebii akka argatan Komishiniin Maree Biyyaalessaa hundaa’uun tattaaffiin taasifamaa akka jiru dubbatan.
Mootummaan gaaffileen misoomaa fi Diimokiraasii deebii akka argatan murannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu ibsuun, milkaa’ina isaaf lammiileen hundi gahee irraa eegamu akka bahatan gaafatan obbo Fiqaaduun.
Abeel Niwaayitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.