Jijjiiramni imaammata qonnaarratti taasifame bu’aa olaanaa galmeesse – Obbo Kabbadaa Deessisaa
Finfinnee, Onkololeessa 20, 2018 (FMC) – Waggoottan jijjiiramaa darban keessa jijjiiramni imaammata qonnaarratti taasifame bu’aa olaanaa galmeesse jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan.
Kana dura aarsaa guddaan damee qonnaarratti kaffalame bu’aan argamsiise quubsaa hin turre kan jedhan obbo Kabbadaan, jijjiiramaan booda garuu jijjiiramni imaammata qonnaarratti taasifame bu’aa olaanaa galmeessuu jedhan.
Keessattuu oomisha Bunaa, Qamadii fi ashaaraa magariisaan bu’aan argame sadarkaa addunyaatti dinqisiifannaa olaanaa argachuu dubbatan.
Galteewwan qonnaa qaraxarraa bilisaan akka galan gochuun, imaamanni haaraan hojiirra oole, jijjiiramni yaadaa dhufe dameen qonnaa bu’aa olaanaa akka galmeessu shoora olaanaa bahachuu eeran.
Mootummaan jijjiiramaa dameewwan utubaa diingadee shanan xiyyeeffannoo itti kennee hojjetaa jiru keessa qonni isa tokko ta’uu kan eeruun obbo Kabbadaan, tarkaanfii fudhatameen jijjiiramni qabatamaan argamuu ibsan.
Ammatti waqtiileen hundi yeroo oomishaa akka ta’an gochuun gannas bonas itti fufiinsaan oomishamaa jiraachuu dubbatan.
Damee qonnaan qilleensa mijataa, qabeenya kuufamaa fi humna namaa jiru teeknooloojii qonnaan dabaaluun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu himan.
Qabeenya kuufamaa jiru misoomsuun faayidaa biyyaalessaaf oolchurratti hojii jajjabaan hojjetamaa jiraachuu kaasan obbo Kabbadaa Deessisaan.
Dhaloonni ammaas haala qabatamaa jiru hubachuun jijjiirama caaluuf xiiqiin hojjechuu akka qaban dhaaman Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.