Jijjiiramoonni damee hundaan galmaa’an olka’iinsa Itiyoophiyaan irra geessu akeeku- Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Qaammee 3, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen jijjiiramoonni damee hundaan galmaa’an olka’iinsa Itiyoophiyaan yeroo itti aanutti irra geessu akeeku jedhan.
Qaammeen 3 Guyyaan Milkaa’inaa mata duree “ Milkaa’inni Olka’iinsa Waaraaf” jedhuun Godambaa Saayinsiitti kabajamaa jira.
Guyyichaan milkaa’inoonniifi injifannoowwan waggoottan torban darban biyyattiitti galmaa’an kan yaadatamanidha.
Obbo Ahimad Shideen waltajjicharratti akka jedhanitti, hojiileen jijjiiramaa waggoottan torban darbanitti hojiirra oolan diinagdee amansiisaafi dorgomaa ijaaruu danda’aniiru.
Dameewwan misoomaa ijoo ta’an kanneen akka qonnaa, indaastirii, albuudaa, sassaabbii galiifi kanneen biroo keessatti guddinni qabatamaan galmaa’eera jedhan.
Jijjiiramoonni galmaa’aa jiran olka’iinsa Itiyoophiyaan waggoota muraasa itti aanan keessatti irra gahuu dandeessu kan akeekan ta’uus ibsaniiru.
Biyyattiitti fooyya’iinsa diinagdee gooroo guutuu ta’e hojiirra oolchuun rakkoolee damichaan mul’atan kanneen akka qaala’iinsa gatiifi dhiyeessii sharafa alaa waaraan furuuf hojiileen garaagaraa hojjetamuu dubbataniiru.
Gama kanaan bu’aalee milkaa’ina keenyaaf bu’uura ta’an argaa jirra jechuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.