Fana: At a Speed of Life!

Jijjiramaan as Manneen kumni 37 ol Harka qalleeyyiif kennaman-Kantiibaa Adaanech

Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC)- Jijjiramaan as manneen kumni 37 ol ijaaramuun harka qalleeyyiif dabarfamuu Miseensi Koree Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Fnfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Damee bu’uuraalee Misoomaa fi Teeknooloojii Diijitaalaan hojiileen Jiraattotaaf mijatan raawwatamuu ibsuun, galiin magaalichaa akka dabaluu fi faayidaa ummataaf oolu taasifamuu kaasaniiru.

Hojii namarratti xiyyeeffatan dabalatee giddugala nyaata barattootaa fi oolmaa daa’immanii ijaaruun bu’aalee argaman ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf ibsaniiru.

Fedhii mana jireenyaa jiraattotaa guutuuf manneen kuma 200 fi kuma 65 ol ijaaramuus himaniiru.

Magaalichatti misooma Magariisaa, Misooma Koriidarii ,Yaaddannoo Injifannoo Adwaa ,Paarkii Tokkummaafi Paarkii Addaabaabayii Michuummaa dabalatee pirojektonni biroon ijaaramuu dubbataniiru.

Fuulduratti tajaajila Teeknooloojii ammayyaan deeggarame kennuuf akkasumas Dhimmoota Bulchiinsa gaariif xiyyeeffannoon kenname kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.