Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Finfinnee gale
Finfinnee, Fulbaana 13, 2018(FMC) – Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Magaalaa Tookiyootti gaggeeffamaa turerratti hirmaate Finfinnee galeera.
Jilichi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee wayita gahu Ministira Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa fi Pirezidaantii Koree Olompiikii Itiyoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgis dabalatee hoggantoota biroon simatameera.
Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Kanaan Itiyoophiyaan meedaaliyaa meetii 2 fi Nahaasa 2’n waliigala meedaaliyaa 4 argachuun dorgommicha xumurteetti.
Atileet Tigist Asaffaa dorgommii maaraatoonii dubartootaan, Atileet Yoomiif Qajeelchaan ammoo dorgommii fiigicha meetira kuma 10 dhiirotaan Itiyoophiyaaf meedaaliyaa meetii argamsiisuun kan yaadatamudha.
Atileet Gudaaf Tsaggaayee dorgommii fiigicha meetira kuma 10 dubartootaan, Atileet Simboo Alamaayyoon ammoo dorgommii fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dubartootaan Itiyoophiyaaf meedaaliyaa Nahaasa argamsiisaniiru.
Itiyoophiyaan meedaaliyaa argatteen addunyaarraa sadarkaa 21ffaan yoo xumurtu, waggoota 34 booda yeroo jalqabaaf meedaaliyaa warqee osoo hin argatiin hafteetti.
Warqinee Gaashaahuuntu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.