Fana: At a Speed of Life!

Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiin durfamu Chaayinaatti daawwannaa hojii gaggeessaa jira

Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiin durfamu Chaayinaatti daawwannaa hojii gaggeessaa jira.

Sagantaan daawwannaa kun hidaa siqsiisuu irratti mari’achuufi tumsa diinagdee Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimsuurratti kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Jilichi turtii isaan hoggantoota olaanoo Ministeera Maallaqaa Chaayinaa, Baankii Uummataa Chaayinaa, Baankii Eegziim fi hoggantoota dhaabbilee garaagaraa waliin ni mari’ataan eegama.

Hojiilee fooyyessii diinagdee mandhaleen hojjetaman fi bu’aalee argaman irratti ibsi kan taasifamu ta’uus Baankichi ragaa Faanaa Dijiitaaliif ergeen hubachiiseera.

Pirojektoota invastimantii Itiyoophiyaa dandeettii misoomuu qaban irrattis ibsi kan kennamu ta’uun ibsameera.

Kana malees Itiyoophiyaan tumsa Chaayinaa waliin qabdu cimsuuf murannoo akka qabdu jilichi ni ibsa jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.