Fana: At a Speed of Life!

Jilli garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa addunyaa irratti hirmaate simatame

Finfinnee, Amajjii 5, 2018 (FMC) – Jila garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa addunyaa Ameerikaa Filooriidaatti gaggeeffame irratti hirmaateef simannaan taasifameera.

Sagantaa simannaa kanarratti Ministira Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa, Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Atileet Silashii Sihiin fi Pirezidaantii Koree Olompiikii Itiyoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgis dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.

Itiyoophiyaan dorgommicha warqee 3, Meetii 2 fi Nahaasa 2 waliigala meedaaliyaa 7 argachuun Keeniyaatti aantee addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumurteetti.

Tizzitaa Wandimmuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.