Jilli Oromoo Keeniyaa sirna wal harkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa 72ffaa irratti hirmaachuuf dhufe simatame
Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Jilli Oromoo Keeniyaa sirna wal harkaa fuudhinsa baallii Gadaa Booranaa 72ffaa irratti hirmaachuuf dhufe magaalaa Yaaballootti simatameera.
Nuti kan keeniyaa jiraannu Itiyoophiyaa waliin dhiigaan tokkoo waan taaneef aadaa keenya jabeessaa tokkummaa keenya guddisuu qabna jechuun ibsaniiru.
Daangaa bulchiinsaa malee daangaa sirna Gadaa hin qabnu jedhan.
Sirni Gadaa ammo Uummattoota dhiigaan tokko ta’an kanneen gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun tokkummaa kan jabeessu ta’uu eeraniiru.
Kululaa Garbichaa fi Asteer Geetahuuntu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa