Jimmaatti boba’aan seeraan ala gurguramaa ture to’atame
Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FBC)-Magaalaa Jimmaatti namoonni seeraan alaa jaarkaanii fi qaruuraa pilaastikaan boba’aa beenzilaa seeraan ala mana jireenyaa fi suuqii kireefachuun gatii dachaa 3 dabaluun gurguraa turan Qajelchii poolisii magaalattii beeksiseera.
Bittaa fi gurgurtaa boba’aa seeraan alaa ittisuuf koreen hundaa’ee hojii eegaluu fi boba’aa magalatti seenuu seeraan hojirraa akka ooluu hojjechaa jiraachuu Qajeelchichatti Itti Gaafatamaan Divizyinii Miidiyaa fi Kominikeeshinii Itti Aanaa Komandara Gazzahaanyi Awugichoon FM Faana Jimmaatti himaniiru.
Magaalaa Jimmaa keessatti Sakatta’umsa bakka addaa addaatti taasifameen Beenzila liitira 580 tilmaama Birrii kuma 59 fi 987, Naafxaa liitira 320 Birrii kuma 32 fi 960tti tilmaamamu ta’oatamuu ibsaniiru.
Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kan itti fufuu ta’u ibsuun, haawaasni eeruu kennuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjatamu deeggaru akka qaban dhamaniiru.
Tasfahuun Kabbadaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia