Fana: At a Speed of Life!

Jireenya Horsiisee Bulaa fooyyeessuuf…

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa qabeenya bishaan lafa irraa fi jalaa misoomsuun jiruufi jireenya hawaasa horsiisee Bulaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf xiyyeeffannoon hojjechaan jira jedhe.

Biirichi misooma jallisii babal’isuu fi naannawaa horsiisee bulaatti immoo dhiyeessii bu’uraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu Biirichatti Daayrektarri Kominikeeshinii Zayyadaa Tashoomaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Oromiyaan lafa pooteenshaala bishaaniin misoomuu danda’u hektaara miiliyoona 6 fi kuma 700 ol kan qabdu fi kana keessaa lafa hektaara miliyoona 4 fi kuma 300 ol ta’u bishaan lafarraatiin akkasumas, lafti hektaarri miliyoonni 2 fi kuma 400 ammoo bishaan lafa jalaatiin misoomuu akka danda’u dubbataniiru.

Iddoowwan bishaan jirutti hojii misooma jallisii babal’isuu, naannawaa gammoojjiitti ammoo dhiyeessii bishaanii akkasumas seektaroota garaa garaa waliin ta’uun dhiyeessii bu’uraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojjetamaa jira jedhan.

Bara kana pirojektoonni misooma jallisiifi bu’uraalee misoomaa naannawaa horsiisee bulaa 296 ijaaramaa jiraachuu obbo Zayyadaan dubbataniiru.

Pirojektoonni kunneen baajata Mootummaafi dhaabbilee deeggartootaa Birrii biiliyoona 14 fi miiliyoona 400’n ijaaramaa jiraachuus kaasaniiru.

Pirojektoota kanneen keessaa bara kana pirojektoota 245 xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Pirojektoonni kunneen wayita xumuraman abbootii warraa kuma 76 ol fayyadamoo kan taasisan ta’uu himaniiru.

Pirojektoota 245 xumuruuf karoorfaman keessaa pirojektoonni 198 ijaarsa bu’uraalee jallisii naannawaa horsiisee bulaa ta’uu ibsan.

Misooma jallisii boonaatiif paampiiwwan kuma 26 ol raabsuuf karoorfamee hanga ammaatti paampiiwwan kumni 16 ol raabsamaniiru jedhan.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.