Jiruuf Jireenya Qonnaan bultootaafi Horsiisee bultootaa fooyyessuuf kutannoon mootummaa bu’aa qabatamaa galmeesse
Finfinnee, Onkololeessa 8, 2018 (FMC) – Godinaalee 10 aanaalee 23’f Paampiin bishaanii kumni 1 fi 945 Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee bultootaaf dabarfameera.
Godinaaleen Oromiyaa sagantaa seeftineetiin jiraachaa turan yeroo ammaa gara miisoma qonnaatti galchuun midhaan nyaataa eeguu caalaa ofii misoomsuu akka danda’aniif Godinaalee 10 aanaalee 23f Paampiin bishaanii 1945 misoomaaf oolu bitamuun dabarfamuu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu dubbataniiru.
Itti Aanaan Pirizeedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin paampii bishaanii kanneen dabarsaniiru.
Gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti dhaadannoo jedhuun hojiin kutannoo qabu hojjetame bu’aa galmeessuu Obbo Awwaluun dubbataniiru.
Ilaalchi taa’anii deeggaramuu hafee gara oomishtummaatti akka seenaniifi seeftineetii seenaa gochuuf kutannoon akka naannoo Oromiyaatti jiru kan itti fufu ta’uus obbo Awwaluun himaniiru.
Paampiin kun birrii miiloyoona 200 oliin kan bitamanidha.
Baayiluu Baaneetu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.